Publicidade

Salmos 7

Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate.

1 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala;

warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;

2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,

akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.

3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe

yoo harka koo keessa yakki jiraate,

4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,

yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,

5 diinni koo ariʼee na haa qabatu;

jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;

ulfina koos awwaara keessa haa buusu.

6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi;

dheekkamsa diinota kootti kaʼi.

Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.

7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;

atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.

8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu.

Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti,

akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.

9 Yaa Waaqa qajeelaa,

kan yaadaa fi garaa namaa qortu,

fincila hamootaa balleessi;

qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.

10 Gaachanni koo Waaqa;

inni gara toleeyyii ni oolcha.

11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha;

inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.

12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,

inni goraadee isaa ni qarata;

iddaa isaas dabsee qopheeffata.

13 Inni meeshaa nama ajjeesu

qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.

14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;

jalʼina garaatti baata; soba dhala.

15 Inni gad fageessee boolla qota;

boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.

16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;

jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.

17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;

maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-