Publicidade

Salmos 54

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, "Daawit nu gidduu dhokatee jira" jedhanitti faarfatame.

1 Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi;

humna keetiinis naa murteessi.

2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi,

dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.

3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;

warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;

Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.

4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti;

Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.

5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;

atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.

6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;

yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha;

inni gaariidhaatii.

7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;

iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-