Publicidade

Salmos 135

1 Haalleluuyaa.

Maqaa Waaqayyoo jajadhaa;

isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.

2 Isin warri mana Waaqayyoo keessa,

oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.

3 Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa;

inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.

4 Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif,

Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.

5 Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe,

akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.

6 Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti,

galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,

waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha;

bokkaa wajjin balaqqee erga;

gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.

8 Inni hangafoota Gibxi,

kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.

9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti,

Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.

10 Inni saboota baayʼee dhaʼee

mootota jajjaboo ajjeese;

11 Sihoon mootii warra Amoorotaa,

Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;

12 lafa isaanii dhaala godhee

akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.

13 Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata;

yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.

14 Waaqayyo saba isaatiif ni falma;

tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.

15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi

warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.

16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;

ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;

17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;

yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.

18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi

akkuma isaanii taʼu.

19 Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa;

yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;

20 yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa;

isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.

21 Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun,

Xiyoon irraa haa eebbifamu.

Haalleluuyaa!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-