Publicidade

Salmos 82

Faarfannaa Asaaf.

1 Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata;

"waaqota" gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:

2 "Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?

Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?

3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;

mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.

4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;

harka jalʼootaatiis isaan baasaa.

5 "Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.

Isaan dukkana keessa jiraatu;

hundeen lafaa hundinuu ni raafame.

6 "Anis, ‘Isin, "waaqota;"

hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.

7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;

akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu."

8 Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri;

sabni hundinuu kan keetiitii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-