Publicidade

Salmos 46

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.

1 Waaqni daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee

tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.

3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee

tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.

4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu

kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.

5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;

ganama barii Waaqni ishee gargaara.

6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;

inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.

7 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;

Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.

8 Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa;

badiisa inni lafa irratti fides argaa.

9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;

iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;

gaachanas ibiddaan guba.

10 "Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa;

ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;

lafa irrattis ol ol nan jedha."

11 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;

Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-