Publicidade

Salmos 91

1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,

gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.

2 Anis Waaqayyoon, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;

Waaqa koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.

3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,

dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.

4 Inni baallee isaatiin si dhoksa;

atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;

amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.

5 Atis naasuu halkanii,

yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;

6 golfaa dukkana keessa deemu,

yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.

7 Kumni tokko si cinatti,

kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;

garuu sitti hin dhiʼaatu.

8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta;

adaba hamootatti dhufus ni argita.

9 Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu,

Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,

10 wanni hamaan si hin tuqu;

dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.

11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif,

ergamoota isaa siif ni ajaja;

12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef

harka isaaniitiin ol si fuudhu.

13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta;

leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.

14 Waaqayyos akkana jedha;

"Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha;

waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.

15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf;

rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;

isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.

16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa;

fayyisuu koos isatti argisiisa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-