Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 17

Kadhannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi;

booʼicha koos dhaggeeffadhu.

Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine

keessaa baʼuufis gurra kenni.

2 Murtiin koo si biraa haa dhufu;

iji kees waan qajeelaa haa argu.

3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,

yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu;

ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.

4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin

karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.

5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;

miilli koos hin mucucaanne.

6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;

gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.

7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan

harka kee mirgaatiin oolchitu,

ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.

8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi;

gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;

9 hamoota na dhiphisan jalaa,

diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.

10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu;

afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.

11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru;

lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.

12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti;

akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.

13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi;

goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.

14 Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa,

namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari.

Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu;

ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan;

isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.

15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;

yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.