Publicidade

Salmos 27

Faarfannaa Daawit.

1 Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;

ani eenyunan sodaadha?

Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;

eenyutu na sodaachisa?

2 Namoonni hamoon yommuu

foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,

diinonni koo fi amajaajonni koo

yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.

3 Yoo duulli na marse illee,

garaan koo hin sodaatu;

yoo waraanni natti baname illee

ani hin raafamu.

4 Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;

waan kanas nan barbaada:

Kunis bara jireenya kootii guutuu

mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,

miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa

keessatti isa kadhachuu dha.

5 Inni guyyaa rakkinaa

iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;

daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;

kattaa gubbaattis ol na baasa.

6 Yommus diinota na marsanii olitti

mataan koo ol jedha;

dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;

Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.

7 Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;

naaf araarami; deebiis naaf kenni.

8 Yommuu ati, "Fuula koo barbaadaa!" jettetti,

garaan koo, "Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada" siin jedha.

9 Fuula kee na duraa hin dhoksin;

aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;

ati gargaaraa koo taateerta.

Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko,

na hin gatin; na hin dhiisinis.

10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,

Waaqayyo na simata.

11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;

sababii ani diinota baayʼee qabuuf

daandii qajeelaa irra na buusi.

12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;

dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;

isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.

13 Anis biyya jiraattotaa keessatti

gaarummaa Waaqayyoo akkan argu

amma iyyuu nan amana.

14 Waaqayyoon eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Waaqayyoon eeggadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-