Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 133

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1 Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,

akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

2 Kun akka zayitii gatii guddaa

kan mataa irratti dhangalaafamee,

akka isa areeda irra gad yaaʼuu,

areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.

3 Innis akkuma fixeensa Hermoon,

kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.

Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa,

jireenyas ajajeeraatii.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também