Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 74

Maskiilii Asaaf.

1 Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte?

Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?

2 Saba ati dur filatte,

gosa dhaala keetii, warra ati furte,

Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.

3 Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu;

diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.

4 Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan;

mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.

5 Isaan nama bosona keessatti muka muruuf

qottoo ol fudhatu fakkaatu.

6 Isaanis waan soofame hunda,

qottoo fi burrusaan caccabsan.

7 Isaan mana qulqullummaa kee guban;

lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.

8 Garaa isaanii keessatti, "Nu guutumaan guutuutti isaan barbadeessina!" jedhan.

Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.

9 Mallattoon dinqii nuu hin kennamne;

siʼachi raajiin tokko illee hin jiru;

wanni kun hamma yoomiitti akka turu nu keessaa namni beeku hin jiru.

10 Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa?

Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?

11 Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta?

Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!

12 Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti;

lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.

13 Situ humna keetiin galaana gargar qoode;

ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.

14 Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee

uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.

15 Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane;

ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.

16 Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma;

ati aduu fi jiʼa uumteerta.

17 Situ daarii lafaa hunda dhaabe;

ati bonaa fi ganna uumteerta.

18 Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu,

akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.

19 Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin;

jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.

20 Kakuu kee eegi;

iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu gooliidhaan guutameeraatii.

21 Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin;

hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.

22 Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu;

akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.

23 Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii

kan gargar hin cinne sana hin dagatin.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.