Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 79

Faarfannaa Asaaf.

1 Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru;

mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru;

Yerusaaleminis barbadeessaniiru.

2 Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif,

reeffa garboota keetii allaattii samiitiif,

foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.

3 Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti

akkuma bishaanii dhangalaasan;

namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.

4 Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera;

warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.

5 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?

Ati hamma bara baraatti aartaa?

Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?

6 Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti,

mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;

7 isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii;

iddoo jireenya isaas balleessaniiru.

8 Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin;

waan nu baayʼee gad deebifamneef,

araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.

9 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,

ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;

maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;

cubbuu keenya illee nuu dhiisi.

10 Ormoonni maaliif,

"Waaqni isaanii eessa jira?" jedhu ree?

Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf,

akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.

11 Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu;

jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.

12 Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan,

dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.

13 Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,

bara baraan si jajanna;

dhalootaa hamma dhalootaattis,

galata kee ni odeessina.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.