Publicidade

Salmos 57

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo "Hin balleessin" jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate.

1 Na maari; yaa Waaqa na maari;

lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.

Anis hamma balaan darbutti,

gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.

2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti,

gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.

3 Inni samii irraa ergee na oolcha;

warra akka malee na ariʼan ni ifata;

Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.

4 Ani leencota gidduun jira;

ani bineensota nama nyaatan,

namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa

kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.

5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;

ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;

lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.

Isaan karaa koo irratti boolla qotan;

garuu isaanumattu keessatti kufe.

7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu;

garaan koo hin raafamu;

ani nan faarfadha; nan weeddisas.

8 Yaa lubbuu ko, dammaqi!

Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!

Anis ganamaan nan dammaqa.

9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;

namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.

10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii;

amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.

11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;

ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-