Publicidade

Salmos 12

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

1 Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;

ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.

2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;

isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.

3 Waaqayyo afaan nama saadu hunda,

arraba of tuulu hundas haa kukkutu;

4 isaanis, "Nu arraba keenyaan ni moona;

hidhiin keenyas keenyuma;

eenyutu nurratti gooftummaa qaba?" jedhu.

5 Waaqayyo, "Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,

sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.

Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa" jedha.

6 Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;

innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee

yeroo torba qulqulleeffamee ti.

7 Yaa Waaqayyo ati nu eegda;

dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.

8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti

hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-