Publicidade

Salmos 128

Faarfannaa Ol Baʼuu.

1 Warri Waaqayyoon sodaatan,

kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;

ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

3 Niitiin kee mana kee keessatti,

akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;

ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,

akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

4 Namni Waaqayyoon sodaatu

akkasitti eebbifama.

5 Bara jireenya keetii guutuu,

Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu;

atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.

6 ijoollee ijoollee keetii ni argi;

nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-