Publicidade

Salmos 70

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti.

1 Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu;

yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.

2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan

hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;

warri badii koo hawwan hundi

qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.

3 Warri, "Baga! Baga!" anaan jedhan

qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.

4 Warri si barbaadan hundinuu garuu

sitti gammadanii haa ililchan;

warri fayyisuu kee jaallatan,

yeroo hunda, "Waaqni guddaa dha!" haa jedhan.

5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;

yaa Waaqi, dafii na qaqqabi.

Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;

yaa Waaqayyo hin turin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-