Publicidade

Salmos 66

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa.

1 Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!

2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;

galata isaatiifis ulfina kennaa!

3 Waaqaan akkana jedhaa;

"Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!

Sababii humni kee guddaa taʼeef,

diinonni kee fuula kee duratti hollatu.

4 Lafti hundinuu siif sagadu;

faarfannaa galataa siif faarfatu;

maqaa keetiifis faarfatu."

5 Kottaatii waan Waaqni hojjete,

hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!

6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare;

isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan;

kottaa isatti haa gammannu!

7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha;

iji isaas saboota ilaala;

finciltoonni ol ol of hin qabin.

8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa;

sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;

9 inni lubbuu keenya jiraachiseera;

miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.

10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii;

akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.

11 Ati kiyyootti nu galchiteerta;

dugda keenya irras baʼaa keesseerta.

12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta;

nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre;

ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.

13 Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena;

wareega koos siif nan galcha;

14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti

arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.

15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu,

korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa;

jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.

16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa;

anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.

17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye;

galanni isaas arraba koo irra ture.

18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee,

silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;

19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera;

sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.

20 Waaqni kadhannaa koo hin didin

yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-