Publicidade

Salmos 127

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon.

1 Waaqayyo mana ijaaruu baannaan,

warri ijaaran akkasumaan dadhabu.

Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan,

warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.

2 Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii,

barii barraaqaan kaʼuun keessan,

turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu;

inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.

3 Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

4 Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,

akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

5 Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.

Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-