Publicidade

Salmos 14

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Gowwaan garaa isaatti,

"Waaqni hin jiru" jedha.

Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

2 Waaqayyo yoo namni waa hubatu,

kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,

samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;

namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;

tokkumti iyyuu hin jiru.

4 Warri hammina hojjetan

kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,

warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;

Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.

6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;

Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.

7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!

Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,

Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-