Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 42

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.

1 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,

yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.

2 Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti.

Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?

3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera;

namoonni guyyaa guutuu "Waaqni kee eessa jira?" anaan jedhuutii.

4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti,

lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa:

ilillee fi faarfannaa galataatiin

tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko,

hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa

tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.

5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu;

ani amma iyyuu isa nan jajadha.

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti;

kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa,

fiixee Hermoonii fi

Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.

7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin,

tuujubni tuujuba waama;

dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.

8 Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;

halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;

kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.

9 Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha;

"Ati maaliif na dagatte?

Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?"

10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu,

"Waaqni kee eessa jira?" jedhanii natti qoosudhaan,

akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.

11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.