Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 124

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1 Israaʼel akkana haa jedhu:

Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,

2 utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,

yommuu namoonni nutti kaʼanitti,

3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,

silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;

4 lolaan nu liqimsee

dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;

5 bishaan hamaan

nu fudhatee bada ture.

6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf

dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.

7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,

nu isaan jalaa baaneerra;

kiyyoon ni ciccite;

nus jalaa baane.

8 Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,

Uumaa samii fi lafa sanaa ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também