Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 49

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa;

warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;

2 xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan

dhaggeeffadhaa; kunis:

3 Afaan koo dubbii ogummaa dubbata;

wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.

4 Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha;

hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.

5 Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon

na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?

6 Isaan qabeenya isaanii amanatu;

guddina sooruma isaaniitiinis boonu.

7 Namni lubbuu nama gara biraa furu,

yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;

8 furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii;

gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;

9 silaa inni bara baraan ni jiraata;

hin tortorus ture.

10 Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga;

gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu;

qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.

11 Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee,

awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii,

dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.

12 Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu;

inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.

13 Wanni namoota ofitti amanatanii fi

warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.

14 Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru;

duuti tiksee isaanii ti;

toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu;

dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora;

awwaallis mana jireenya isaanii ti.

15 Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa;

inni dhugumaan ofitti na fudhata.

16 Yommuu namni tokko sooromu,

yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.

17 Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii;

ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.

18 Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu,

yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,

19 inni gara dhaloota abbootii isaa,

gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.

20 Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne,

akkuma bineensaa duʼee bada.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.