Publicidade

Salmos 47

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;

sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.

2 Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii,

Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!

3 Inni saboota nu jala,

namootas miilla keenya jala galcheera.

4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,

dhaala keenya nuu fileera.

5 Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee

malakataatiin ol baʼe.

6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa faarfadhaa;

faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa faarfadhaa.

7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti;

faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.

8 Waaqni saboota irratti Mootii dha;

Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

9 Qondaaltonni sabootaa,

akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu;

mootonni lafa irraa kan Waaqaatii;

innis guddisee ol ol jedheera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-