Publicidade

Salmos 85

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;

boojuu Yaaqoobis deebifteerta.

2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;

cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.

3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;

aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.

4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;

dheekkamsa kees nurraa qabi.

5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee

dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?

6 Akka sabni kee sitti gammaduuf,

ati lubbuu nutti hin deebiftuu?

7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;

fayyina kees nuu kenni.

8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;

inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;

isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.

9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,

fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.

10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;

qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.

11 Amanamummaan lafa keessaa burqa;

qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.

12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;

lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.

13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema;

miilla isaatiifis karaa qopheessa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-