Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 38

Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf.

1 Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin

yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.

2 Xiyyooliin kee na waraananiiru;

harki kees akka malee natti ulfaateera.

3 Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera;

sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.

4 Cubbuun koo na liqimseeraatii;

akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.

5 Sababii gowwummaa kootiitiif,

madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.

6 Ani gad nan qabame; gadis nan cabe;

guyyaa guutuus gaddaan oola.

7 Dugdi koo na bobaʼa;

dhagni koos fayyaa hin qabu.

8 Ani laafeera; akka malees bututeera;

garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.

9 Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;

argansuun koo si duraa hin dhokatu.

10 Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera;

ifni ija kootiis badeera.

11 Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan;

firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.

12 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru;

warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu;

guyyaa guutuus hammina natti yaadu.

13 Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee,

akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.

14 Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee,

akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.

15 Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;

yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.

16 Ani, "Akka diinonni koo natti gammadan

yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan

hin eeyyamin" jedheeraatii.

17 Ani kufuu gaʼeeraatii;

dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.

18 Ani balleessaa koo nan himadha;

sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.

19 Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha;

warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.

20 Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti;

ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.

21 Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin;

yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.

22 Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,

na gargaaruudhaaf ariifadhu!

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.