Publicidade

Salmos 120

Faarfannaa Ol baʼuu.

1 Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha;

innis deebii naa kenna.

2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi

arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.

3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama?

Kana caalaas maal godhamta?

4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen,

barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.

5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee

dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!

6 Warra nagaa jibban gidduu,

ani yeroo dheeraa jiraadheera.

7 Ani nama nagaa barbaadu dha;

isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-