Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 109

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqa ani galateeffadhu

ati hin calʼisin;

2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni,

afaan isaanii natti banatanii jiruutii;

isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.

3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan;

sababii tokko malees na lolan.

4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan;

ani garuu nan kadhadha.

5 Qooda waan gaarii hammina,

qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.

6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi;

seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.

7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu;

kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.

8 Umuriin isaa haa gabaabbatu,

aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.

9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan;

niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.

10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan;

mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.

11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu;

buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.

12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin,

yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.

13 Sanyiin isaa haa dhumu;

maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.

14 Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu;

cubbuun haadha isaas hin haqamin.

15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf,

cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Waaqayyoo dura haa jiraatu.

16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota,

warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee

garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.

17 Inni abaaruu jaallate;

abaarsi sun isumatti haa deebiʼu;

inni eebbisuu hin jaallanne;

eebbis isa irraa haa fagaatu.

18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata;

abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena;

akkuma zayitiis lafee isaa lixa.

19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu,

sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.

20 Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi

warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.

21 Yaa Waaqayyo Gooftaa,

ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar;

gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.

22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii;

garaan koos na keessatti madaaʼeera.

23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera;

akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.

24 Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera;

dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.

25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera;

isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.

26 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari;

akkuma jaalala keetiittis na oolchi.

27 Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe,

akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.

28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta;

yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu;

tajaajilaan kee garuu ni gammada.

29 Himattoonni koo salphina haa uffatan;

akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.

30 Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha;

waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.

31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee,

karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.