Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 44

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa Waaqi, waan ati bara durii,

jabana isaanii keessa hojjette sana,

abbootiin keenya nutti himaniiru;

nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.

2 Ati harka keetiin saboota ariitee baafte;

abbootii keenya immoo ni dhaabde;

namoota ni balleessite;

abbootii keenya garuu bilisa baafte.

3 Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee

isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle;

yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne;

ati isaan jaallatteertaatii.

4 Ati Mootii koo fi Waaqa koo

kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.

5 Nu siin diinota keenya duubatti deebifna;

maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.

6 Ani iddaa koo hin amanadhu;

goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;

7 ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita;

warra nu jibban immoo ni qaanessita.

8 Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna;

maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.

9 Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta;

ati loltoota keenya wajjin hin baane.

10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta;

warri nu jibbanis nu saamaniiru.

11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta;

ormoota keessas nu bittinneessiteerta.

12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta;

gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.

13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa,

warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.

14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote;

namoonnis mataa nutti raasan.

15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira;

fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.

16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif,

sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.

17 Kun hundi nutti dhufeera;

taʼus nu si hin daganne;

yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.

18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine;

tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.

19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite;

dukkana hamaadhaan nu haguugde.

20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee,

yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,

21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee?

Inni icciitii garaa namaa beekaatii.

22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;

akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.

23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta?

Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.

24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta?

Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?

25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii;

garaan keenyas lafatti maxxaneera.

26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee

kan hin geeddaramneetiifis nu furi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.