Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 65

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;

wareegni keenyas siif galfama.

2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu,

namni hundinuu gara kee ni dhufa.

3 Yeroo cubbuun na moʼattetti,

ati yakka keenya nuu dhiifteerta.

4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif

ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!

Nus waan gaarii mana keetiitiin,

kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.

5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,

ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita;

daarii lafaa hundumaaf,

galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;

6 ati humna uffatteerta;

jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;

7 ati huursaa galaanaa,

huursaa dhaʼaa bishaanii,

raafama uummataas ni calʼisiifte.

8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;

ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,

akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.

9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta;

akka malees ni gabbifta;

akka namootaaf midhaan kennaniifis

lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru;

ati kanumaaf qopheessiteertaatii.

10 Boʼoo isaa bishaan quubsita;

biyyoo isaas wal qixxeessita;

tiifuu bokkaatiinis ni jiifta;

biqila isaas ni eebbifta.

11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita;

daandiiwwan kees cooma coccobsu.

12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa;

gaarranis gammachuudhaan guutamu.

13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu;

sululoonni midhaaniin haguugamu;

isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.