Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 83

Faarfannaa Asaaf.

1 Yaa Waaqi gab hin jedhin;

yaa Waaqi, hin calʼisin;

akkasumattis hin dhiisin.

2 Diinonni kee akkam akka kakaʼan,

warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.

3 Isaan saba keetti daba karoorfatu;

warra ati eegdutti mariʼatu.

4 Isaanis, "Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef,

akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa" jedhu.

5 Isaan yaada tokkoon walii galu;

sittis ni gurmaaʼu;

6 isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota,

Moʼaabii fi gosa Aggaar,

7 Gebaal, Amoonii fi Amaaleq,

Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.

8 Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa

taʼuudhaaf isaanitti makaman.

9 Ati akkuma Midiyaanin goote,

akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;

10 isaan Eendooritti dhumanii

akkuma kosii lafaa taʼan.

11 Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb,

ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;

12 isaan warra, "Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee

kan dhuunfaa keenyaa godhannaa" jedhanii dha.

13 Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu,

akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.

14 Akkuma ibiddi bosona balleessu,

yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,

15 atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi;

bubbee keetiin isaan sodaachisi.

16 Yaa Waaqayyo, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif,

fuula isaanii qaaniin haguugi.

17 Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan;

salphinaanis haa badan.

18 Isaan akka ati kan maqaan kee Waaqayyo taʼe sun qofti,

lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.