Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 43

1 Yaa Waaqi, naa murteessi;

saba hin amanametti dubbii koo naa falmi;

gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.

2 Ati Waaqa jabina kootii ti.

Maaliif na gatte?

Ani maaliifin diinaan cunqurfamee

gaddaan jiraadha?

3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi;

isaan na haa qajeelchan;

gara tulluu kee qulqulluutti,

gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.

4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa,

gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa.

Yaa Waaqayyo, Waaqa ko,

ani baganaadhaan sin galateeffadha.

5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também