Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 143

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

gurra kees gara waammata kootiitti deebisi;

amanamummaa fi

qajeelummaa keetiin, na gargaari.

2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin;

namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.

3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii;

jireenya koos butuchee biyyootti make.

Akkuma warra dur duʼaniittis

dukkana keessa na jiraachiseera.

4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera;

onneen koos na keessatti rifatteerti.

5 Ani guyyoota durii nan yaadadha;

waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;

waan harki kee hojjete illee nan heda.

6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha;

lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

7 Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni;

hafuurri koo dadhabeera.

Fuula kee na duraa hin dhoksin

yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

8 Ani waanan si amanadheef,

akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.

Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,

karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

9 Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii,

diinota koo jalaa na baasi.

10 Ati sababii Waaqa koo taateef,

akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;

hafuurri kee gaariin sun

karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

11 Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;

qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.

12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi;

waan ani garbicha kee taʼeef,

warra na cunqursan hunda barbadeessi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.