Publicidade

Salmos 5

Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu.

1 Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi;

aaduu koo illee naa hubadhu.

2 Yaa mootii koo fi Waaqa ko,

iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;

ani sin kadhadhaatii.

3 Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;

anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;

abdiidhaanis nan eeggadha.

4 Ati Waaqa hamminatti gammadu miti;

hamaanis si wajjin hin jiraatu.

5 Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.

Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;

6 Ati warra soba dubbatan ni balleessita.

Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi

warra nama gowwoomsan ni xireeffata.

7 Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;

si sodaachuudhaanis gad jedhee

gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.

8 Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii

qajeelummaa keetiin na dura buʼi;

karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.

9 Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;

garaan isaanii badiisaan guutameera.

Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;

arraba isaaniitiin ni sobu.

10 Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!

Daba isaaniitiinis haa kufan.

Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;

isaan sitti fincilaniiruutii.

11 Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;

bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.

Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif

ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.

12 Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;

akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-