Publicidade

Salmos 3

Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.

1 Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu!

Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!

2 Namoonni baayʼeen, "Waaqni isa hin baraaru" jedhanii

waaʼee koo dubbatu.

3 Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;

ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.

4 Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha;

innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.

5 Ani nan ciisa; nan rafas;

waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.

6 Saba kumaatama qixa hundaan

kaʼee na marse ani hin sodaadhu.

7 Yaa Waaqayyo kaʼi!

Yaa Waaqa koo na baraari!

Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;

ilkaan hamootaa illee caccabsi.

8 Fayyinni kan Waaqayyoo ti.

Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-