Publicidade

Salmos 140

Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi;

namoota finciltoota

2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii

guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.

3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;

hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.

4 Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi;

namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.

5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;

ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;

karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.

6 Yaa Waaqayyo, ani, "Ati Waaqa koo ti" siin nan jedha.

Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.

7 Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,

ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.

8 Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;

akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.

9 Mataan warra na marsanii,

hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.

10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;

isaan ibiddatti illee haa darbataman;

akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.

11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;

namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.

12 Waaqayyo rakkattootaaf falmee

hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.

13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;

namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-