Publicidade

Salmos 118

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

2 Sabni Israaʼel, "Jaalalli isaa

bara baraan jiraata" haa jedhu.

3 Manni Aroonis,

"Jaalalli isaa bara baraan jiraata" haa jedhu.

4 Warri Waaqayyoon sodaatan,

"Jaalalli isaa bara baraan jiraata" haa jedhan.

5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe;

innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.

6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu;

namni maal na gochuu dandaʼa?

7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.

Anis diinota koo nan moʼadha.

8 Nama amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

9 Qondaaltota amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

10 Saboonni hundinuu na marsan;

ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.

11 Isaan karaa hundaan na marsan;

ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.

12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;

garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;

anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.

13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;

Waaqayyo garuu na gargaare.

14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

inni fayyina koo taʼeera.

15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota

qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;

"Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!

16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera;

harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!"

17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu;

waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.

18 Waaqayyo jabeessee na adabeera;

garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.

19 Karra qajeelummaa naa banaa;

anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.

20 Kun karra Waaqayyoo,

kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.

21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;

ati fayyina naa taateerta.

22 Dhagaan ijaartonni tuffatan,

dhagaa golee taʼeera;

23 Waaqayyo waan kana hojjeteera;

kunis ija keenyatti dinqii dha.

24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;

kottaa ni ililchina; itti gammannas.

25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi;

Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.

26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha.

Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.

27 Waaqayyo Waaqa;

ifa isaas nuu irratti ibseera.

Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;

gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.

28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha;

ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.

29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-