Publicidade

Salmos 102

Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu.

1 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.

2 Yeroo ani dhiphadhetti,

fuula kee na duraa hin dhoksin.

Gurra kee gara kootti deebisi;

yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.

3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii;

lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.

4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera;

ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.

5 Sababii ani guddisee aaduuf,

lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.

6 Ani akka urunguu gammoojjii,

akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.

7 Ani hirriba malee nan bula;

akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.

8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu;

warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.

9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii;

dhugaatii koottis imimmaan makadheera;

10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe;

ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.

11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti;

anis akkuma margaa gogeera.

12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta;

yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.

13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta;

yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii;

yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.

14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii;

biyyoo ishees ni mararfatu.

15 Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu;

mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.

16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii;

ulfina isaatiinis ni mulʼata.

17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa;

waammata isaaniis hin tuffatu.

18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf,

wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:

19 "Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale;

samii irraas gara lafaa gad milʼate;

20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi

warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete."

21 Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti,

galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;

22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni,

Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.

23 Inni jabina koo karaatti hambise;

umurii koos ni gabaabse.

24 Anis akkanan jedhe:

"Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;

waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.

25 Ati jalqabatti lafa hundeessite;

samiiwwanis hojii harka keetii ti.

26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu.

Ati akkuma uffataa isaan geeddarta;

isaanis ni badu.

27 Ati garuu sanuma;

umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.

28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu;

sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-