Publicidade

Salmos 53

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti.

1 Gowwaan garaa isaatti, "Waaqni hin jiru" jedha.

Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

2 Waaqni yoo namni waa hubatu,

kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate

arguuf jedhee,

samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

3 Hundinuu dogoggoraniiru;

hundi isaaniis xuraaʼaniiru;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;

tokkumti iyyuu hin jiru.

4 Warri hammina hojjetan,

kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,

warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,

sodaadhaan liqimfamaniiru.

Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa;

sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.

6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!

Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,

Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-