Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 60

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo "Daraaraa kakuu" jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame.

1 Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas;

nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!

2 Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta;

caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.

3 Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta;

daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.

4 Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif,

ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.

5 Akka warri ati jaallattu furamaniif,

harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.

6 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera;

"Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda;

Sulula Sukootis nan safara.

7 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti.

Efreem gonfoo sibiilaa koo ti;

Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.

8 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti;

Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa;

Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara."

9 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida?

Eenyutu Edoomitti na geessa?

10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii?

Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?

11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar;

gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.

12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna;

innis diinota keenya gad dhidhiita.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.