Publicidade

Salmos 99

1 Waaqayyo moʼeera;

saboonni haa hollatan;

inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;

lafti haa raafamtu.

2 Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha;

inni saboota hunda irra ol ol jedheera.

3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;

inni qulqulluu dha.

4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;

ati tola hundeessiteerta;

Yaaqoob keessattis haqaa fi

qajeelummaa hojjetteerta.

5 Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan;

Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;

isaan Waaqayyoon waammatan;

innis deebii kenneef.

7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;

isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.

8 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya,

ati deebii isaanii kennite;

ati balleessaa isaanii adabdu illee,

Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.

9 Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa;

tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;

Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-