Publicidade

Salmos 122

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1 Yommuu isaan, "Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa"

naan jedhanitti, ani nan gammade.

2 Yaa Yerusaalem,

miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.

3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee

gobbatte tokkootti ijaaramte.

4 Kunis iddoo gosoonni,

gosoonni Waaqayyo,

akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,

maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.

5 Teessoowwan murtii,

teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.

6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa:

"Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.

7 Dallaa kee keessa nagaan,

masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu."

8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,

"Nagaan si keessa haa jiraatu" nan jedha.

9 Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee,

ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-