Publicidade

Salmos 29

Faarfannaa Daawit.

1 Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa;

ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.

2 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;

iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

3 Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira;

Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa;

Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.

4 Sagaleen Waaqayyoo humna qaba;

sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.

5 Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa;

Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.

6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti,

Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.

7 Sagaleen Waaqayyoo

balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.

8 Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa;

Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.

9 Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira;

bosonas qullaatti hambisa.

Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, "Ulfina!" jedhee iyya.

10 Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;

Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.

11 Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;

Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-