Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 48

Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,

tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha;

waan hundaa olittis galanni isaaf mala.

2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;

dheerina isaatiinis ni bareeda.

Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;

magaalaa Mooticha Guddaatis.

3 Waaqni daʼannoo ishee keessa jira;

inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.

4 Mootonni humna walitti daratanii

tokkummaadhaan itti qajeelan.

5 Isaanis ishee arganii dinqifatan;

sodaataniis baqatan.

6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,

hollannaan isaan qabate.

7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin

dooniiwwan Tarshiish caccabsite.

8 Akkuma dhageenye sana,

magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,

magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;

Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.

9 Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti,

jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.

10 Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii

handaara lafaa gaʼa;

harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.

11 Sababii murtii keetiitiif,

Tulluun Xiyoon haa gammaddu;

intallan Yihuudaas haa ililchan.

12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;

gamoowwan ishees lakkaaʼaa.

13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,

dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;

galma ishees ilaalaa.

14 Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii;

inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.