Publicidade

Salmos 9

Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, "Duʼa ilmaa" jedhamu. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

2 Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu;

ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.

4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta;

atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.

5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta;

maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.

6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu;

ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta;

seenaan isaaniis barbadeeffameera.

7 Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa;

teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.

8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna;

sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.

9 Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

10 Warri maqaa kee beekan si amanatu;

yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

11 Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa;

hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.

12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii;

iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.

13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali!

Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;

14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti

akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis

baayʼisee gammaduuf.

15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan;

miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.

16 Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama;

hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.

17 Namoonni hamoon,

warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.

18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman;

abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin;

fuula kee duratti sabootatti haa muramu.

20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi;

saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-