Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 73

Faarfannaa Asaaf.

1 Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif,

warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.

2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee,

faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.

3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti,

of tuultotatti hinaafeen tureetii.

4 Isaan hin dhiphatan;

dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.

5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu;

isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.

6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti;

fincilas akka wayyaatti uffatu.

7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama;

hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.

8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu;

of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.

9 Afaan isaanii samii falmata;

arrabni isaaniis lafa dhaala.

10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee

bishaan baayʼee dhuga.

11 Isaanis, "Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa?

Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?" jedhu.

12 Egaa namoonni hamoon akkana;

isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu;

badhaadhummaanis guddachaa deemu.

13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee

harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!

14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera;

ganama ganamas adabameera.

15 Ani utuu, "Akkana nan dubbadha" jedhee jiraadhee

silaa ijoollee kee nan yakkan ture.

16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti,

wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.

17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture;

ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.

18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde;

akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.

19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii

akkuma tasaa barbadaaʼan!

20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana,

atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu,

hawwii garaa isaanii ni busheessita.

21 Yommuu lubbuun koo gadditee

onneen koos waraanamtetti,

22 ani gowwaa fi wallaalaan ture;

fuula kee durattis akka horii nan taʼe.

23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira;

atis harka koo mirgaa ni qabda.

24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita;

ergasii immoo ulfinatti na galchita.

25 Ani samii keessaa eenyunan qaba?

Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.

26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;

Waaqni garuu jabina garaa koo ti;

bara baraanis inni qooda koo.

27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu;

atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.

28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha;

Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera;

ani hojii kee hunda nan labsa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.