Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 77

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf.

1 Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe;

ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.

2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe;

halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe;

lubbuun koos jajjabaachuu didde.

3 Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada;

ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.

4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote;

ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.

5 Ani waaʼee bara durii,

waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;

6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe.

Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:

7 "Gooftaan bara baraan nama gataa?

Inni deebiʼee garaa hin laafuu?

8 Araarri isaa bara baraan badee?

Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?

9 Waaqni arjoomuu irraanfateeraa?

Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?"

10 Anis, "Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii

jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti" nan jedhe.

11 Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha;

dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.

12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;

waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.

13 Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha.

Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?

14 Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha;

saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.

15 Irree kee cimaadhaan saba kee,

sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.

16 Yaa Waaqi, bishaanonni si argan;

bishaanonni si arganii sodaatan;

tuujubawwan ni hollatan.

17 Duumessi bishaan gad dhangalaase;

samiiwwan ni qaqawweessaʼan;

xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.

18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame;

balaqqeesi kee addunyaa ibse;

laftis hollattee sochoote.

19 Daandiin kee galaana keessa,

karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa;

garuu faanni kee hin argamne.

20 Ati harka Museetii fi harka Arooniin,

saba kee akka bushaayeetti geggeessite.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.