Publicidade

Salmos 84

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!

2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti;

akka malees itti gaggabdi;

onneen koo fi foon koo

Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.

3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

Mootii koo fi Waaqa ko,

iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,

girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.

4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;

isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.

5 Warri sirraa jabina argatan,

kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.

6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,

iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;

bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.

7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti,

jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.

8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi;

yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.

9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali;

fuula dibamaa kee sanaas ilaali.

10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,

guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;

dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,

eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.

11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii;

Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna;

inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.

12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

namni si amanatu eebbifamaa dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-