Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 131

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju;

iji koos of hin tuulu;

ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.

2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras;

akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana,

akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.

3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf,

Waaqayyoon abdadhu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também