Publicidade

Salmos 141

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.

Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.

2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;

harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

3 Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;

balbala afaan kootiis naa eegi.

4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,

hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,

gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;

akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;

inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.

Mataan koo waan kana hin didu.

Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;

isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.

7 Isaanis, "Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,

lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira" jedhu.

8 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;

ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.

9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,

kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.

10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;

ani garuu nagumaan nan baʼa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-