Publicidade

Salmos 146

1 Haalleluuyaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.

2 Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;

ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.

3 Abdii keessan bulchitoota irra,

namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.

4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;

guyyuma sanas karoorri isaanii bada.

5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas

Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.

6 Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa,

galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;

inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.

7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura;

warra beelaʼaniif nyaata kenna.

Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;

8 Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;

Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;

Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.

9 Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha;

ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi

dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;

karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.

10 Waaqayyo bara baraan ni moʼa;

Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.

Haalleluuyaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-