Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 94

1 Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu,

Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.

2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi;

of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.

3 Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon,

warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?

4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu;

jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.

5 Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu;

handhuuraa kees ni hacuucu.

6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu;

ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.

7 Isaan, "Waaqayyo hin argu;

Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu" jedhu.

8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa;

isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?

9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu?

Inni ija uume hin argu?

10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu?

Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?

11 Waaqayyo yaada namaa beeka;

akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.

12 Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu,

namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;

13 hamma hamootaaf boolli qotamutti,

guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.

14 Waaqayyo saba isaa hin gatuutii;

inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.

15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama;

toloonni hundinuus isa faana buʼu.

16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa?

Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?

17 Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee,

silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.

18 Yaa Waaqayyo yeroo ani, "Miilli koo mucucaateera" jedhetti,

araarri kee ol qabee na dhaabe.

19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,

jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.

20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan

si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?

21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii

nama yakka hin qabnetti duʼa muru.

22 Waaqayyo garuu daʼoo,

Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.

23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa;

sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa;

Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.